Leenjiin Humna Raawwachiisummaa Pilaanii Magaalaa Cimsu Kennamaa Jira

  • 23 Nov 2022
  • Posted by oromiaipm
  • 0 Comments

Leenjiin humna raawwachisummaa pilaanii magaalaa cimsu walta'iinsa Inistiitiyutii Pilaanii Magaalota Oromiyaafi Ministeeta Magaalaafi Bu'uuraalee Misoomaatiin magaalaa Hararitti kennamaa jira.

Obbo Waaqumaa Namoomsaa Itti gaafatamaa Inistiitiyutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Damee bahaa leenjitotaan baga nagaan dhuftan erga jedhanii booda hoggantonni fi ogeessonni leenjicharratti hirmaachuuf argaman haalaan hordofuu fi maree keessatti ammoo haalaa qabatamaa magaalota isaaniin leenjicha gabbisanii hojirra oolmaa pilaanii magaalota damicha jala jiraniif tumsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Leenjicha haasaan kan banan Itti aanaan Daayirekteera Olaanaa Inistiitiyutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Obbo Ahimedtoofiq Mahaammad akka jedhanitti, toora xiyyeeffannoo inistiitiyutichaa keessaa tokko dandeettii raawwachisummaa magalootaa cimsuu waan ta'eef, bu'uuruma kanaan pilaanii magaalotaaf qopha'u qixa barbaadamuun hojiirra akka ooluuf jecha leenjii kana hoggantootafi ogeeyyii pilaanii magaalotaa irratti hojjechaa jiraniif kennuun barbachise jedhan.

Itti dabaluunis Obbo Ahimedtoof Mahaammad magaalonni naannoo keenya keessa jiran jiruu fi jireenya jiraattootaaf mijaawoo ta'anii badhaadhina yaadamee jiru milkeessuuf ogeeyyii fi hoggansi leenjii kanarratti hirmaachaa jiran carraaquu akka qabanis dhaamaniiru.

Leenjichis matadureewwan:

° Barsiifata Magaalomsuu fi Pilaanii Magaalaa akka Itoophiyaatti

° Imaammata Misooma Magaalaa

° Hirmaannaa Hawaasa Qophii fi Raawwii Pilaanii keessatti

° Qophii fi Hojiirra oolmaa Pilaanii Bu'uuraa

° Tarsiimoo Magaariisummaa Magaalaa

° Hoggansa balfa dhangal'aa fi jajjaboo

° Qophii Pirofaayilii Magaalaa

° Hordoffii fi Madaallii Pilaanii Magaalaa

°Muuxannnoowwan gaggaarrii hojiirra oolmaa pilaanii magaalota Oromiyaa fi

° Muuxannoowwaan gaggaarii hojiirra oolmaa Pilaanii magalotaa Baha Oromiyaa kan jedhan irratti Ogeessota Inistiititutichaan kennama.

Leenjii kanarrattis ogeessota fi oggantoota magaalota Hararge bahaa fi dhihaarra dhufan 120 ol ta'an hirmaachaa jiru

Lenjichis guyyoota 5f kan turu ta'a.