Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

Magaalota  fi gidduugaleessota guddina baadiyyaa Oromiyaa  bu'uurarraa pilaaniin hoogganamanii giddu gala diinagdee fi  hawaasummmaa akka ta'aniif  IPMO fi Dameewwan Isaa Afran bifa wal-fakkaataa ta'een hojjechuu qabu" Obbo Margaa Oliiqaa Daayirikteera  Olaanaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa"

Instiiyitichi sadarkaa mana hojii Olaanaa fi Dameewwan Isaa afran jiraniin   qophii  qomoowwan  pilaanii gosa garaagaraa, qo'annoo fi qorannoo, dandeettii raawwachistummaa  Ogeessotaa fi gageessitoota magaalaa cimsuu,  hordoffii fi kenna deeggarsa teekinikaa magaalotaaf  kennaa jiruun  magaalonni Oromiyaa pilaaniin hoogganamaa jiruu fi jireenya hawaasaaf mijaawoo akka ta'aniif hojii hojjechaa jiruun  bu'aalee gurguddoon argamaa jiru.

Inistiitiyuutichi raawwii hojii isaa sadarkaa mana hojii olaanaa fi damelee Isaa afranitti hojjetaman bakka hooggantotnni , hojjetootnnii fi qooda fudhatootnni garaagaraa argamanitti gamagamera.    Daayirikteera Olaanaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Obbo Margaa Oliiqaa  gamaggamicha irratti haasa'aa taasisaniin   Inistiitiyuutichii fi fdameeleen Isaa afran Kenninsa tajaajilaa si'ataa, dhaqabamaa fi qulqullu ta'e kennuun bifa wal-fakkaataa ta'een xiyyeeffannoo guutuun magaalonni fi gidduu galeessi guddina baadiyyaa Oromiyaa bu'uura irraa pilaaniin hoogganamanii giddu gala diinagdee fi hawaasummaa akka ta'aniif  kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru

Dabalataan Obbo Taarraqany Abduljabbaar  Itti Aanaan Daayirikteera Olaanaa fi hoogganaan Damee humna raawwachiistummaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa gama isaaniitiin  Inistiitiyuutiin Pilaanii magaalota Oromiyaa  Imaamtaa fi Tarsiimoo Mootummaan gama Miisooma Magaalaan qabatee jiru  dhuguumsuuf hojiin baatiiwwan jahan darban keessa hojjete kan Jajjabeeffamudha Jedhanii ; Kurmaanota hafan keessatti hanqiinota hojii mul'atan maqsuuf Xiyyeeffannoo guutuudhaan kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru. Gamaggamichaan , qophiin  Pilaanii tarsimoo, pilaanii misooma qe'ee, pilaanii caasawaa, hojii qo'annoo fi qorannoo, Dandeettii raawwachiistummaa ogeessotaa fi hooggantootaa  dabaluuf  hojjetaman ciminoota hojii baatiiwwan jahan Inistiitiyuutichaan hojjetaman yoo ta'u ;  Qophiin pilaanii gidduu galeessa baadiyyaa qopheessuu, Pilaanii GGB  qophaaye lafa irra buusuu, pilaanii bu'uuraa qopheessuu,  Oditii fi hordoffiin pilaanii magaalotaa ammoo yeroo itti aanutti hojiilee xiyeeffannoo barbaadan ta'uun adda  baheera.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et