Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

 

Pilaanii Gidduu galeessa Guddina Baadiyaa 

Dinagdee qonnaan durfamuu irraa gara dinagdee indastiriin durfamuutti cehuuf imala  biyyi keenya egaltee milkeessuuf misoomnni baadiyaa teeknoloojii ammaya’aan deeggaramee gama hundaan cimee akka itti fufuu gochuuf qonnaan bulaaf deggarssi ogummaa,dhiyeessi callaa guddistuu fi omisha isaatiif gabaa dhiyeenyaatti akka argatuu taasisuuf bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, maneen barumsa , keellaa fayyaa namaa fi beeyiladaa, gidduu gala leenjii qonnaan bulaa,bishaan,sararaa bilbilaa, ibsaa,giddu gala gabaa,intarpiraayizoota maayikiroo xixiqqaa, tajaajila waldaaleefi k.k.f haalaan diriirsuun barbaachiisa dha. Bu’uuraaleen misooma diriirfaman kunneenis  haala qindaawaa fi karooraan hogganameen akka babbal’atan taasisuu kan gaafatuudha. Kun immoo dhugoomuu kan danda’uu pilaanii ammayaa’aan akka hogganaman yoo taasifamee dha. Gama kanaan pilaaniin gidduu galeessa guddinaa baadiyyaatiif qophaa’u dhimma kanaa milkeessu irratti iddoo olaanaa kan qabu dha.

Mootummaan  xiyyeefannaa gandoota baadiyyaatiif kenneen gidduu galooniigandoota baadiyyaa naannichaa hedduun gara magaalaatti jijjiramuu irratti argamuu.Kanaafuu gidduu galeesonni kun gar-malee akka fedhan babbal’achuusaaniitin dura jalqabarraa pilaanii ammaya’aan akka hogganaman taasisuun barbaachiisaa dha.Ergama Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaatiif kennamee keessa inni tokkoo gidduu galeessa guddina gandoota baadiyaa fulduraatti gara magaalaatti guddatan pilaanii ammayaa’an akka hogganaman taasisuuf pilaanii gidduu galeessa guddina baadiyyaa qopheessuu dha. Pilaaniin kunis magaalaa baay’ina ummataa 2000 fi isaa gadii qabaniif kan qophaa’u fi waggoota 5-10tti kan tajaajiluu dha.

 Inistiitiyuutiin Pilaanii magaalota Oromiyaa bara hundeeffama isaa bara  1999 irraa eegalee hanga xumura  bara 2007tti gandoota baadiyyaa guddattuu  naannoo keenyaa 512f Pilaaniin guddina gidduu galeessa  baadiyyaa magaalota  Sadarkaa baadiyyaa irraa gara magaalaatti guddachaa jiraniif kan  hojjete yoo ta’u  bara  2008 irraa eegalee  hanga xumura bara  2012tti  immoo gandoota baadiyyaa  gara magaalatti guddataa jiran 328f  pilaanii gidduu galeessa guddina baadiyyaa hojjetera Walumaagalatti Inistiitiyuutii  Pilaanii Magaalota  Oromiyaa  gandoota baadiyyaa guddattuu  Naannichaa  840f  Pilaanii  gidduu galeessa guddina baadiyyaa  hojjeteera.

 

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et