Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

 

Daayirektoreetii Ijaarsa Humna Raawwachisummaa  fi Bulchiinsa Ragaa Pilaanii Magaalotaa

Daayirektoreetiin kun hojiin ni hojjeta jedhamee yaadamu qo’annoo fi qorannoo pilaanii qindaa’aa naannoo (regional spatial development plan) gaggeessu; maanuwaalotaa fi istaandaardoota qophii fi raawwii pilaanii qopheessu, Leenjii gahumsa human raawwachisummaa qophii fi raawwii pilaanii magaalota cimsuu kennu, leenjii hubannoo ooggansaa cimsu kennuu fi bu’aa isaa madaaluudha. Waldaalee Intarpiraayizii maayikiroo fi xixiqqaa fi dhaabbilee dhuunfaa hojii qophii tooppoogiraafii fi pilaanii magaalaa irratti hirmaataniif heeyyama kennuu;Pilaani magaalotaa qaamolee biroo eeyyama qabaniin hojjetame qulqullina isaa ilaaluun ni mirkaneessa.

Raga pilaanii qophaa’ee xummuramee maxxansee, blueprint godhee kenna akkasumas qabiinsa ragaawwan pilaanii magalotaa hardcopy fi softcopy isaa karaa qindaa’ee fi nageenya ragichaa mirkaneessuu danda’uun ni qindeessa ni kuusa ni tamsaasa.

Daayrektoreetiin kun kaayyoo instiitiyuutichi hundaa’eef galmaan gahuuf gahee ol’aanaa qabaachuun isaa waan hubatameef garee hojii lama galtee bu’aa fi milkaa’ina akka waliif ta’un gurmaa’eera. Isaanis:

I.        Garee Qo’anno fi Qoranno Leenjii

II.    Garee IT fi Bulchiinsa  ragaa pilaanii

                          BUUSUU

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et