Pilaanii Tarsiima’aa
Pilaanii tarsiima’aa magaalaa jechuun meeshaa murtaa’aa pilaaniin magaala tokko bulchuu fi hirmaannaan uummataa qixa sirrii ta’een qophii fi raawwii pilaanii magaalaa keessatti hojii irraa akka oolu taasisudha.Pilaaniin tarsiima’aan bulchiinsa pirojeektotaa fi saxaxa magaalaaf baay’ee murteessadha. Pilaanii tarsiima’aan magaalaa baayina uummataa 20,000-50,000 ( Kuma digdamaa hanga kuma shantamaa ) qabuuf kan hojjetamu ta’ee magaalaa tokko yeroo turtii waggaa shanii hanga kudhaniif kan tajaajiludha.
Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa bara hundeeffama isaa 1999 irraa eegalee hanga xumura bara 2007tti magaalota 39f Pilaanii tarsiima’aa qopheesseera. Bara 2008 irraa Eegalee hanga bara 2012tti immoo Magaalota 21f pilaanii tarsiima’aa qopheessera walumagalattii Inistiitiyuutichi bara hundeeffama isaa irraa eegalee hanga ammatti Magaalota Naannoo keenyaa 60f Pilaanii Tarsiima’aa qopheessera. Magalonni Kunnenis Magaalota kanneen akka Shaambuu, Bakkoo, Giddaa Ayyaanaa, Negellee Booranaa fi kkf.
There are currently 0 users online.
Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et