Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

Pilaanii Bu’uuraa 

Pilaaniin bu’uuraa magaalota xixiqqoo sadarkaa arfaffaa fi shanaffaa ta’aniif waggaa shanii hanga kudhanitti akka tajaajiluuf pilaanii qophaa’udha.Pilaanii kanas kanneen biroo irraa kan adda isa taasisuu humna namaa muraasaa fi yeroo gabaaba keessatti qo’annoo hawaas -dinagdee osoo hin barbaachisiin kan qophaa’uu ta’uusaati Kaayyoon qo’annoo fi qophii pilaanii bu’uuraa magaaloonni xixiqqoon jalqabumarraa haala pilaanii ammayyaa’aan hogganamuun guddina egeree isaanii qisaasama qabeenyaa malee akka mirkaneesan taasisuu dha. Pilaaniin bu’uuraa akka pilaaniiwwaan biroo tarreefama osoo hin barbaachisiin ofii isaan hojii irraa akka oluu danda’uutti kan qophaa’uudha. Akkasumas pilaaniin bu’uuraa walitti hidhaminsaa fi qindoomina Magaalotaa xixiqqoo fi gandoota baadiyyaa naannoo isaanii kan cimsuu fi akka karooraan hogganamanii waliin misooman kan taasisuu dha.

Instiitiyuutiin pilaanii Magaalota Oromiyaa bara hundeeffama isaa 1999  irraa eegalee hanga  xumura  bara 2007tti Magaalota 350f pilaanii bu’uuraa kan qopheesse  yoo ta’u,  bara 2008 irraa eegalee hanga xumura bara 2012tti immooMagaalota282fPilaanii bu’uuraa qopheessera.Waluma galatti Inistiitiyuutiin pilaanii Magaalota Oromiyaa Sadarkaa dameelee isaa afranitti bara 1999- 2012tti Pilaanii bu’uuraa 632 magaalota naannichaa keessa jiraniif qopheessera.

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et