Kaartaa bu’uraa
Kaartaa bu’uuraa jechuun haala teessuma lafa naannoo tokkoo fi ragaalee nam-tolchee fi uumamaa kan haammate yommuu ta’u, kaartaan kunis akkaataa kaayyoofi tajaajilaaf oluun ulaagaa garagaraatin kan qophaa’u dha. Kaartaan bu’uuraa qophii pilaanii magaalotaaf akka ka’umsaatti kan tajaajiluu fi yoo xiqqaate haala ijaarsa toora daandii fi ragaalee daangaa bulchiinsa magaalotaa kan haammatu dha.Akkasumas kallattii diriirsa ibsa, bishaan, bilbilaa fi balfa dhangal’aa haala agarsisuun kan qophaa’u dha.
Inistiititiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa bara hundeeffama isaa 1999 irraa kaasee hanga xumura bara 2007tti magaalota naannoo keenyaa 567f kaartaa bu’uuraa kan hojjetee yoo ta’u,bara 2008 irraa eeggalee hanga xumura bara 2012tti immoo magaalota 379f kaartaa bu’uuraa qopheessera Walumaagalatti bara 1999-2012tti kaartaan bu’uraa magaalota 945f Inistitiiyuutii pilaanii magaalotaa oromiyaan qophaa’eraa. Asirratti wanti hubatamuu qabu magaalaa tokko keessatti kaartaan bu’uuraa akkaataa gosa pilaanii qophaa’urratti hunda’uu kan qophaa’u yoo ta’u magaalaa pilaaniin caasawaa hojjetameef tokko keessatti Pilaanii Misoomaa Qe’ee wayita qophaa’us akkataa daangaa pilaanii sanirratti hundaa’uun ni qophaa’a. Kanaaf magaalaa tokko irraatti kartaan bu’uuraa tokkoo ol haalaa itti qopha’uu dandanda’u ni jiraata
There are currently 0 users online.
Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et