Pilaaniin Caasawwaa gosoota pilaanii magaalotaaf qophaa’an keessa isa tokko yommuu ta’u gosa pilaanii magaaloota baayina Uummataa 50,000 (kuma shantama) fi isaa ol qabaniif qophaa’uu fi magaalaa tokko waggaa10niifkan tajaajilu dha. Qorannoo fi qo’annoon pilaanii kanaas dhimmoota gurggudoo haala teessuma lafaa, egumsa naannoo,qilleensaa fi kallattii guddina magaalotaa kan of keessatti haammatedha. Pilaaniin caasawwaa akkaataa ramaddii itti fayyadamaa lafa magaalaatiin naannoo bu’uraaleen misoomaa itti babal’achuu qaban bakka mana jireenyaa, magariisa, bashannanaa,buufata geejjiba, giddu gala gabaa fi indastirii irratti xiyyeefachuun kan qophaa’u dha. Osoo Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa hin hundaayiin dura magaalonni gurguddoon naannoo keenyaa baajata guddaa ramaduun gorsitoota fi kontiraakteroota dhunfaan pilaanii caasawaa magaalaa isaanii qopheessaa kan turan yoo ta’u kun immoo Baasii humnaa olii baajata mootummaa fi qulqullina hojii iratti rakkoo ijoo ture.Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa erga hundeeffamee as baasii humnaa olii magaalonnii baasan maqsuu fi qulqullina hojii dabaluun magaalota gurguddoo fi sadarkaa muummee jiraniif pilaaniin caasawa hedduun Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaan hojjetameera.
Inisttitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa bara hundeeffama isaa 1999 irraa eegalee hanga xumura bara 2007tti magaalota 76f Pilaanii Caasawaan kan qopheesse yoo ta’u ,bara 2008 hanga bara 2012tti immoo magaalota 20f Plaaniin caasawaa qopheesseera.Walumaa galattibara bara 1999-2012tti Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa pilaanii caasawaa magaalotaa 96f qopheesseera.
Pilaaniin Caasawaa Inistitiyuutichaan magaalota kanneen akka Adaamaa, Bishooftuu, Sabbataa, Walisoo, Amboo, Holotaa Asallaa, Robee Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sulultaa fi kkf hojjetamee kan kennameef yoo t’u bara kana immoo Magaalota Kanneen akka Jimmaa, Naqamtee, Ciroo, Shashamannee,fi fiicheef qophaa’aa jira. Kana keessatti magaalonni Naannoo keenyaa duraan Qaamolee dhuunfaa baasii guddaa baasanii pilaanii caasawaa magaalaa isaanii hojjechiisa kaan turan Erga Inistiitiyuutiin keenya hundaa’ee as immoo Magalonnii Naannoo keenyaa rakkoo kana keessaa bahanii kan jiran yoo ta’u baasiin mootummaa gama kanaaan bahuus hir’achaa dhufee jira.
There are currently 0 users online.
Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et