Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

 

Pilaanii Saxaxaa Magaalaa

Pilaaniin misooma qe’ee tarreefamaan yommuu qophaa’u,haala magaalaa ifatti mul’isuu danda’uun kutaa magaalaa tokkoof dizaayiniiniin magaalaa waliin akka qophaa’uu taasifama.kunis bareedina fi guddina misooma magaalaa gabbiisuu fi umuuf pilaaniin tarreefamaan qophaa’u qaba.hojiin dizaayinii magaalaa qindoomina pilaanii,sirna gamoowwaanii fi teessuma lafaati jechuun ni dandaa’ama.Tarreefamnni wixinneewwaan sadarkaa fi qajeelfama gamoowwaan,bakki magariisaa,tajaajila ummataaf olanii, marfata konkolaataa fi duwwaa ta’aan,sarara dhabamsisaa balfa dhangala’aa, fik.kf dizaayinii magaalotaaf qophaa’an keessatti dhimmoota haammatamaniidha. Kana malees magaaloota dhiyyeessi bu’uuraalee misooma qindaawaa ta’an halluu gamoowwaanii, dallaa fi biqiltuuwwaan magariisa haala teesuma lafaa waliin wal-simsiisuun kan qophaa’u dha. Dizaayiniin magalaa pilaanii magaalaa fi sirna gamoo akkasumaas wixinee raawwwii gidduutti kan argamuu fi pilaanii magaalaa gamoo waliin wal-simsiisuun akka riqichaatti kan tajaajilu ta’ee milkaa’ina lamaanii gidduutti rakkoo uumamuuf furmaata akka kennutti ta’ee qo’annoo saayinsiiwwaan kan qophaa’udha. Haaluma kanaan dizaayiniin magaalaa iddoowwaan filataman irratti pilaanii misooma qe’ee hojii irra olchuun itti fufinsaan mijaa’ina, miidhaginaa fi misooma Magaalotaa mirkaneesuuf jecha tooftaa ittiin gargaaramanii dha

Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota  Oromiyaa bara hundeeffama isaa bara 1999  irraa eegalee hanga  xumura bara 2007tti magaalota 5f Saxaxaa  magaalaa qopheessera. Akkasums bara  2008 irraa Eegalee hanga  xumura  bara 2012tti immoo  Magaalota 27f  Saxaxa Magaalaa qopheessera Walumaa galatti Inistiitiyuutichi  bara hundeeffama isaa irraa kaasee hanga  ammaatti Magaalota  Naannoo Keenyaa 32f Saxaxa magaalaa qopheessera

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et