Humna Raawwachiisummaa Magaalotaa cimsuu fi Ragaa Pilaanii Magaalotaa Amayyeessuu
Inistiitiyuutiin Pilaanii Magalota Oromiyaa magaalota naannichaatiif pilaanii fi kaartaa bu’uuraa qopheessuu cinatti akka of danda’aanii qopheeffatan taasisuu irratti hojii qo’annoo, qophii, raawwii pilaanii fi kaartaa haala sadarkaasaa eeggatee fi qulqulinaa qabuun akka qophaa’uu taasisuuf gahumsi dandeettii raawwachisummaa ogeesota,Hooggntoota fi dhimaamtoota Seektera magaalaa yeroo yeroon akka cimu taasisuun barbaachiisaadha. Gama biraatiin Magaalonni ofii isaaniin of Danda’anii Pilaanii Magaalaa Isaaniia akka qopheeffataniif ykn qaama birootiin qopheesifatanii akka raawwachiisaniif hojiin humna raawwii qophii fi raawwii pilaanii magaalotaa cimsuu bal’inaan hojjetameraa. Gama kanaan ogeessota inistiitiyuutii mana hojii olaanaa fi dameewwan isaa arfan fi magaalotaatiif gahumsaa ogummaa cimsuu fi haala itti fayyadamaa teekinoloojii irratti leenjiin gaggabaabaa kennamaa jira.Istaandaardiini fi maanuwaaloonii qophii pilaanii gosa adda addaa qophaa’anii hojiirraa olaa jiru. Adeemsa qo’annoo fi qophii raawwii pilaanii irratti gahee guddaa qaamolee qaban jechuunis hoggansaa fi hojjettoota seektaraa magaalotaa, qaama seera hiikuu, qaamolee haqaa,hoggansaa fi qaamolee manaajimantii misooma lafa magaalaa, aanaalee fi godinaaleetiif leenjiin kennamaa jira. Leenjiin kunis haala adeemsa qo’annoo, qophii raawwii fi faayidaa pilaanii irratti seeroota, labsii, fi qajeelfama pilaanii akkasumas imaammata fi manaajimantii misooma lafa magaalaa, hirmmaanaa ummataa,hordooffii fi gamaggamaa qophii fi raawwii pilaanii irratti bal’inaa fi itti fufinsaan kennamaa jira.
Inistiitiyuutiin pilaanii magaalota oromiyaa bara hundeeffama isaa bara 1999 irraa Eegalee hanga xumura bara 2007tti Ogeessotaa fi Gaggeesitota seektera magaaalaa 5000niif Leenjii Humna Raawwacchistummaa cimsu kenneera. Bara 2008 irraa eegalee hanga bara 2012tti Immoo Ogeessotaa fi gageessitoota Seektera magaalaa 8,164f Leenjiin dandeettii humnna raawwachiistummaa Cimsu keeneera Walumaa galatti Inisttitiyuutichi bara hundeeffama isa irraa kaasee hanga ammatti gaggeessitoota, ogeessotaa fi qooda fudhattoota seektera magaalaa 13,164 ta’aniif mata dureewwan garaagaraa dhimmota pilaanii magaalaan wal qabatan irratti leenjii humna raawwachistummaa cimsu kennera.
There are currently 0 users online.
Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et