Lammiin hundi hiyyumaa fi doofumaa keessa bahee biyya diinagdeen badhaatee fi birmadummaan Ishee kabajamee dhaloota egereef toltu ijaaruuf hundu qooda irraa eeggamu bahachuu qaba" jedhan Daayirikteerri Olaanaan Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa

  • 23 Nov 2022
  • Posted by oromiaipm
  • 0 Comments

Lammiin hundi hiyyumaa fi doofumaa keessa bahee biyya diinagdeen badhaatee fi birmadummaan Ishee kabajamee dhaloota egereef toltu ijaaruuf hundu qooda irraa eeggamu bahachuu qaba" jedhan Daayirikteerri Olaanaan Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Eebba Garbaa ( Enjr)

Hojjeetootnni Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa murtee koree hojii raawwachiiftuu Mootummaan darbe irratti mari'ataniiru maricha kan gageessan Daayirikteerri Olaanaan Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Eebbaa Garbaa ( Enjr) akka Jedhanitti biyya badhaate lamiileen ishee hundi hiyyumaa fi doofumaa keessa bahuun birmadummaa isheef qixa dhaabbatuu fi adda diinagdee fi siyaasaa keessatti qooda irra eegamu bahachuu akka danda'aniif marichi kan barbaachise ta'uu eeranii;Hojjetootnni fi hooggansi Inistiitiyuutichaa hubannoo maricha irraa argatanitti gargaaramuun beekumsaa fi dafqa keenyan biyya ijaaramtee fi kabajamtee kadhaa fi dhiibba biyyoota lixaa jalaa baatee diinagdee fi siyaasaan adda hunda irratti injifattu uumuuf gahee nu irraa eegamu adda durummaan bahachuu qabnna jedhan.

Maricha irratti Barreffamni ka'umsaa fi murtii koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa fi ejjennoo mootummaa gara fuula duraa ibsu karaa itti Aanaa Daayirikteera Olaanaa Inistiitiyuutichaa Obbo Ahimadtoofiq Mahaammad dhiyaatee irratti mari'atameera.

Misooma kallattii hundaan eegalamee galmaan gahuu fi Badhaadhina biyyaa fi Naannoo Keenyaa dhugoomsuuf rakkoo nageenyaa sadarkaan mul'atu furuuf hunduu miira na ilaallata jedhuun hojjechuu qabnna jechuun obbo Ahimadtoofiq Mahaammad dubbataniiru

Hojjettotnni maricha irratti hirmaatan tokko tokko akka jedhanitti biyya ijaaruu keessatti hojii akka Mootummaa fi paartiin eegalaman milkeessuuf qooda irraa eegamu kan bahatan ta'uu fi Mootumman xiyyeffannoo isaa guutuun tasgabbii siyaasaa fi diinagdee fiduuf hojjechuu qaba jechuun dubbataniiru.