Juuriin Pilaanii Misooma qe'ee Magaalaa Baddeessaa iddoo addaa Boorama Xiqqaa

  • 09 Mar 2023
  • Posted by oromiaipm
  • 0 Comments

Juuriin Pilaanii Misooma qe'ee Magaalaa Baddeessaa iddoo addaa Boorama Xiqqaa ( Borama Xiqa LDP Site) ogeessota Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaan qophaa'e Sadarkaa mana hojiitti hojjettootaaf dhiyaatee irratti mari’atamaa jira.

Barbaachisummaan marichaa qorannoon ogeessotaan qoratame hojjettootaf dhiyaate hojjettonni yaadaan akka gabbisanii fi galtee hojiif ta’uu garee qorannoof akka kennaniifi pilaaniin qophaa’aa jiru kunis qulqullina barbaadamuun qophaa’ee magaala akka qaqqabuuf ta'uu Itti aanaan Daayirikteera Olaanaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Obbo Shillimaa Abbabaa dubbataniiru.

Mata duree qorannoowwan mariif dhiyaataniis:-

Ø Qorannoo haala naannoo ( Regional Study)

Ø Qorannoo Seena (History)m

Ø Qorannoo fiizikaalaa ( Pysical study)

Ø Qorannoo naannoo ( Enviromental study)

Ø Qorannoo jii’oloojii ( Geological study)

Ø Qorannoo hawaasummaa ( Demographic Study)

Ø Qorannoo diinagdee ( Economic Study)

Ø Qorannoo Direenjii ( Drainage study)

Ø Qorannoo Ispaashaalaa ( spatial study) dha.

Qorannoowwan dhiyaatan kunneen irratti yaadnii fi gaaffiin mana keessaa qoranicha gabbisan ka’anii kan irratti mari’atamu ta’a.

juuriin sadarkaa mana hojiitti dhiyaate erga galtee yaadaan gabbatee booda sadarkaa magaallattis dhiyaatee hojiirra kan oolu ta'a.