Injifannoo argame tiksuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf humnoota badiirratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne fudhachuun murteessa ta'uun ibsame

  • 07 Dec 2022
  • Posted by oromiaipm
  • 0 Comments

Injifannoo argame tiksuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf humnoota badiirratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne fudhachuun murteessa ta'uun ibsame

Hojjettonni Inistiitiyutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa haala yeroo naannoo Oromiyaa irratti mari'ataa jiru.

Marii kanarrattis I/A Daayirekteera Olaanaa Inistiitiyutichaa Obbo Shallimaa Abbabaa barreeffama ka'umsa maree "Nageenya Waaraa Mirkaneessuun Injifannoo Uummata Oromoo Tiksina " jedhu dhiheessuun nageenyaa waaraa biyyaa fi naannoo keenyaa itti fufiinsa qabu fiduuf humnoota badii nageenya uummataa jeeqaa jirannirratti tarkaanfii keessa deebii hinqabne mootummaan uummata hirmaachisuun kan fudhatu ta'uu ibsuun hojjettonni inistiititutichaas galma gahiinsa kanaaf gaheesanii akka bahatani himaniiru.