Dandeettii raawwachiistummaa ogeeyyii pilaanii magaalotaa dabaluun hojiirra oolmaa pilaanii magaalotaa dhugoomsuuf qooda ol'aanaa qaba. " Inj. Eebbaa Garbaa

  • 10 Mar 2023
  • Posted by oromiaipm
  • 0 Comments

Dandeettii raawwachiistummaa ogeeyyii pilaanii magaalotaa dabaluun hojiirra oolmaa pilaanii magaalotaa dhugoomsuuf qooda ol'aanaa qaba. " Inj. Eebbaa Garbaa

Bulchiinsa lafaa fi pilaanii magaalotaa ammayyeessuuf leenjiin dandeettii raawwachistummaa ogeessota pilaanii magaloota dabalu guyyoota itti aanaan 45nif turu qindoomina Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa fi Ministeera magaalaa fi bu’uuraalee misoomaan yuniversitii Amnootti kennamu eegale.

Injinar Eebbaa Garbaa daarikteerri ol'aanaa inistuutii pilaanii magaalota Oromiyaa leenjichi kan barbaachiseef Itti fayyadama lafaa ammayyeessuuf ogeeyyii leenjiin cimsuu fi gahumsa Ogummaa isaanii mirkaneessuun pilaaniin magaalotaaf qophaa’uu akkaataa barbaadameen akka hojii irraa ooluuf ta’uu sirna saaqinsaa leenjichaa iirratti dubbataniiru.

Bu'aa fi maalummaa pilaanii magaalotaa uummata keenya sirritti barsiisuu fi seerri haaraan ba'aa jiraachuu himuun, Mootummaan waan sadirratti hojjetaa jira jedhan. Diinagdee Magaalota cimsuu, magaalota walitti dhiyoo jiran walitti makuu fi uummanni keenya jireenya fooyya'aa akka jiraatuuf magaalota xixiqqoo baay'inaan uumuudha jedhan.

Qonnaan bultoonni jireenya hawaasummaa fi diinagdesaanii fooyya'uu akka qabuuf Pilaanii qophaa'e lafarra buusuu keessatti qaawwa ture hanbisuurratti xiyyaffannoon hojjetamaa jiraachuu eeruun, mirga Abbummaa lafaa mirkaneessuuf kadisteraa hojiirra oolchuu fi tilmaama abbaa qabeenyummaa goonfachiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru ta’uus Enjnr. Eebbaan dubbataniiru.