Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

Hundeeffamaa IPMO

Motummaan Nannoo Oromiyaa Magaalonni Naannicha pilaanii Ammayyaa’aan hoogganmanii guddina naannicha irra darbee kan biyyaa keessati gumaacha olaanaa akka bahan Inistiitiyuutiin piilaanii magaalota Oromiya dambii lakk.97/1998tiin kan hundessee yoomuu ta’u, irraa deebiin labsii lakk163/200tti damewwaan jala jiran afur waliin bifa haaraan hundeffamee jira. kaayyoon Inistiitiyuutichaa irra deebiin hundeessuu karoora guddinaa fi tiraansfoormeeshinii marsaa duraa keessatti imaammata biyyattiin dinagdee qonaan durfamuu irra gara dinagdee indastiriin durfamuutti cehuuf qabatte dhugoomsuu dha.

Dhimmi dinagdee indastiriin durfamu milkeessu ammo kallattinis ta’ee al-kallatin dhimma misoomaa fi guddina magaalaatin wal qabatu dha.milkaa’ina kanaafis inistitiiyuutiin pilaanii magaaloota Oromiyaa,Magaalotaa naannichaatiif qo’annoo fi qophii kaartaa bu’uuraa fi pilaanii ammayyaa’aa gosa garaagaraa qopheessurraa darbee akka of danda’aanii qopheeffatan taasisaajira.Gahuumsa dandeettii raawwachisummaa dameewwan        Inistitiiyuutichaa cimsuuf leenjiwwaan kennaa deggarsaa  fi hordooffi teeknikaa taasisaa tureera taasisaas jira. Inistitiiyuutin pilaanii Magaalota oromiyaa Magaalotaa naannichaatiif kaartaa fi pilaanii gosa adda addaa qopheessuu fi akka of danda’aanii qopheefatan taasisaa. Akkasumaas dhimmoota pilaanii Magaalotaa irratti gorsa mootummaa naannootiif kennuun hojjechaa jira. Haalumaa kanaan magaaloonni naannichaa pilaanii magaalaa ammayya’aan hogganamanii misooma magaalaa amansisaa fi itti fufinsaan fayyadamumaa ummataa sadarkaa sadarkaan mirkaneesse akka galmeesisan taasisuuf inistIitiiyuutichi bara 1999 irraa hanga 2011tti  A..LI . hojiwwaan piroojekttoota pilaanii Magaalotaa gurggudoo hojjecha  tureera. Gara fuula Duraattis  karoora tarsiima’aa  misooma magaalaa  akka biyyaa fi Naannoo keenyaatti jiru gidduugaleessa godhachuun  hojjechuuf  giddu galeesummaa  eeggatee hojjechaa jira.

 

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et