Magaalota fi gidduugaleessota guddina baadiyyaa Oromiyaa bu'uurarraa pilaaniin hoogganamanii giddu gala diinagdee fi hawaasummmaa akka ta'aniif IPMO fi Dameewwan Isaa Afran bifa wal-fakkaataa ta'een hojjechuu qabu" Obbo Margaa Oliiqaa Daayirikteera Olaanaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa"
Instiiyitichi sadarkaa mana hojii Olaanaa fi Dameewwan Isaa afran jiraniin qophii qomoowwan pilaanii gosa garaagaraa, qo'annoo fi qorannoo, dandeettii raawwachistummaa Ogeessotaa fi gageessitoota magaalaa cimsuu, hordoffii fi kenna deeggarsa teekinikaa magaalotaaf kennaa jiruun magaalonni Oromiyaa pilaaniin hoogganamaa jiruu fi jireenya hawaasaaf mijaawoo akka ta'aniif hojii hojjechaa jiruun bu'aalee gurguddoon argamaa jiru.
Inistiitiyuutichi raawwii hojii isaa sadarkaa mana hojii olaanaa fi damelee Isaa afranitti hojjetaman bakka hooggantotnni , hojjetootnnii fi qooda fudhatootnni garaagaraa argamanitti gamagamera. Daayirikteera Olaanaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Obbo Margaa Oliiqaa gamaggamicha irratti haasa'aa taasisaniin Inistiitiyuutichii fi fdameeleen Isaa afran Kenninsa tajaajilaa si'ataa, dhaqabamaa fi qulqullu ta'e kennuun bifa wal-fakkaataa ta'een xiyyeeffannoo guutuun magaalonni fi gidduu galeessi guddina baadiyyaa Oromiyaa bu'uura irraa pilaaniin hoogganamanii giddu gala diinagdee fi hawaasummaa akka ta'aniif kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru
Dabalataan Obbo Taarraqany Abduljabbaar Itti Aanaan Daayirikteera Olaanaa fi hoogganaan Damee humna raawwachiistummaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa gama isaaniitiin Inistiitiyuutiin Pilaanii magaalota Oromiyaa Imaamtaa fi Tarsiimoo Mootummaan gama Miisooma Magaalaan qabatee jiru dhuguumsuuf hojiin baatiiwwan jahan darban keessa hojjete kan Jajjabeeffamudha Jedhanii ; Kurmaanota hafan keessatti hanqiinota hojii mul'atan maqsuuf Xiyyeeffannoo guutuudhaan kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru. Gamaggamichaan , qophiin Pilaanii tarsimoo, pilaanii misooma qe'ee, pilaanii caasawaa, hojii qo'annoo fi qorannoo, Dandeettii raawwachiistummaa ogeessotaa fi hooggantootaa dabaluuf hojjetaman ciminoota hojii baatiiwwan jahan Inistiitiyuutichaan hojjetaman yoo ta'u ; Qophiin pilaanii gidduu galeessa baadiyyaa qopheessuu, Pilaanii GGB qophaaye lafa irra buusuu, pilaanii bu'uuraa qopheessuu, Oditii fi hordoffiin pilaanii magaalotaa ammoo yeroo itti aanutti hojiilee xiyeeffannoo barbaadan ta'uun adda baheera.