Pilaaniin Magaalaa Guddinaafi Misooma Magaalaa tokkoof Murteessaa Ta’uun Ibsame

  • 29 Nov 2022
  • Posted by oromiaipm
  • 0 Comments

IPMO.

Pilaaniin Magaalaa Guddinaafi Misooma Magaalaa tokkoof Murteessaa Ta’uun Ibsame.

~Magaalaa Mojootti Waltajjiin Marii Uummataa Kutaalee Hawaasaa Adda Addaa Hirmaachise Dhimma Pilaanii Haaraa Magaalichaa Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa Qoraterratti Gaggeeffame.

Kaayyoon waltajjii marii kunis Pilaanii haaraa magaalaa Mojoo Inistiitiyuutii Pilaanii magaalota Oromiyaatiin qoratamerratti jiraattootni magaalaa dhimma kanarratti yaadota galtee ta’an akka kennaniifi hirmaannaa hunda-galeessaan akkaataa guddinaafi misooma magaalichaa fuulduratti saffisiisuufi tarkaanfachiisuun gara boqonnaa haaraatti ceesisuun danda’amurratti kan gaggeeffame ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Mojoo Aadde Kadijjaa Jamaal ibsaniiru.

Pilaaniin haaraan qophaa’aa jiru kun daangeffama magaalaan Mojoo gandoota baadiyyaa Aanaa Lumee magaalicha marsanii jiranis kan kaa’uufi iddoowwan tajaajila hawaasummaa kanneen akka giddugala gabaa, magariisummaa, dhaabbilee tajaajila hawaasummaa, haala ol guddina magaalaa jechuunis iddoowan giddugala magaalaa ta’anitti gamoowwwan ijaarramuu qaban, haala ijaarsa bu’uuraalee misoomaafi kanneen fakkaatan kan ilaalcha keessa galche ta’uu Aadde Kadijjaan ibsaniiru.

Karoora Pilaanii haaraa Magaalaa Mojoof qophaa’e kanas Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaatti Dursaan Garee Hojii Fiizikaalaa Obbo Abeel Gazzaahany hirmaattootaaf kan dhiheessan yoo ta’u, Pilaaniin magaalaa tokkoof barbaachisaa ta’uu ibsanii, misooma madaalawaafi kallattii akkasumas hanga magaalli tokko guddachuu qabdu kan murteessu ta'uufi keessattuu itti fayyadama lafaa, misooma manneeniifi bu’uuraalee misoomaa, zooniiwwan industirii adda baasuufi Pooteenshaala magaalaa adda baasanii itti fayyadamuuf pilaaniin shoora olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Pilaaniin magaalaa Mojoo bara 2008 A.L.I’tti hojjetameefi ammas hojiirra jiru kun hanga bara 2018’tti kan itti fufu ta’uu Obbo Abeel ibsanii, rakkoolee bu’uuraa adda addaa pilaaniin kun qabu hiikuun waan barbaachiseef, pilaaniin haaraan kun yemmuu qophaa’e hirmaannaan uummataafi yaadotni galteefi fedhii hawaasaa calaqqisiisaan fudhatamanii kan hojiirra oolan ta’uu eeraniiru.

Hirmaattootnis yaada laataniin, karoorri pilaanii haaraa guddinaafi misooma akkasumas jijjiirama caalmaa magaalichaatiif qophaa’uun gaariifi barbaachisaa ta’uu ibsanii, keessattuu dhimmootni duraan magaalaan Mojoo akka hin guddanneefi hin misoomne gufuu fi danqaa ta’anii qaban kanneen akka balfaafi xuraawaa magaalichaa sirnaan too’achuu dhabuu, giddugalli gabaa dhabamuu, iddoowwan hawata turizimii osoo jiranuu misoomuu dadhabuu, magaalattiin giddugala dhabuu, gamoowwan ijaarraman kan hawataa hin taaneefi kan guddina magaalaa saffisiisan ta’uu dhabuu, dhaabbileen tajaajila hawaasummaa laatan sirnaan adda bahanii haala fedhii uummataa fi fageenya barbaachisu eeganii ijaarramuu dhabuu, warshaaleen magaalaa Mojoo galii biyyaaf haa argamsiisan malee, magaalicharratti garuu dhiibbaa fi miidhaa olaanaa geessisaa waan jiraniif, Pilaaniin qophaa’u kun dhimmoota ijoofi murteessoo kanneeniif deebii kennuu akka qabu dubbataniiru.

Maddi :Waajjira Dh Kom M/ Mojoo

Sadaasa 5, 2015