Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

Humna Raawwachiisummaa Magaalotaa cimsuu fi Ragaa Pilaanii Magaalotaa Amayyeessuu

Inistiitiyuutiin Pilaanii Magalota Oromiyaa magaalota naannichaatiif pilaanii fi kaartaa bu’uuraa  qopheessuu cinatti akka of danda’aanii qopheeffatan taasisuu irratti hojii qo’annoo, qophii, raawwii pilaanii fi kaartaa haala sadarkaasaa eeggatee  fi qulqulinaa qabuun  akka qophaa’uu taasisuuf gahumsi dandeettii raawwachisummaa ogeesota,Hooggntoota  fi dhimaamtoota Seektera  magaalaa  yeroo yeroon akka cimu taasisuun barbaachiisaadha. Gama biraatiin  Magaalonni ofii isaaniin  of Danda’anii Pilaanii Magaalaa Isaaniia akka qopheeffataniif ykn qaama birootiin qopheesifatanii akka raawwachiisaniif hojiin humna raawwii qophii fi raawwii pilaanii magaalotaa cimsuu bal’inaan hojjetameraa. Gama kanaan ogeessota inistiitiyuutii mana hojii olaanaa fi  dameewwan isaa arfan fi magaalotaatiif gahumsaa ogummaa cimsuu fi haala itti fayyadamaa teekinoloojii irratti leenjiin gaggabaabaa kennamaa jira.Istaandaardiini fi maanuwaaloonii qophii pilaanii gosa adda addaa qophaa’anii hojiirraa olaa jiru. Adeemsa qo’annoo fi qophii raawwii pilaanii irratti gahee guddaa qaamolee qaban jechuunis hoggansaa fi hojjettoota seektaraa magaalotaa, qaama seera hiikuu, qaamolee haqaa,hoggansaa fi qaamolee manaajimantii misooma lafa magaalaa, aanaalee fi godinaaleetiif leenjiin kennamaa jira. Leenjiin kunis haala adeemsa qo’annoo, qophii raawwii fi faayidaa pilaanii irratti seeroota, labsii, fi qajeelfama pilaanii akkasumas imaammata fi manaajimantii misooma lafa magaalaa, hirmmaanaa ummataa,hordooffii fi gamaggamaa qophii fi raawwii pilaanii irratti bal’inaa fi itti fufinsaan kennamaa  jira.

  Inistiitiyuutiin pilaanii magaalota  oromiyaa  bara  hundeeffama isaa  bara 1999 irraa Eegalee hanga xumura bara 2007tti Ogeessotaa fi Gaggeesitota seektera  magaaalaa 5000niif Leenjii Humna  Raawwacchistummaa cimsu  kenneera. Bara 2008 irraa eegalee hanga bara  2012tti Immoo Ogeessotaa fi gageessitoota Seektera magaalaa 8,164f Leenjiin dandeettii  humnna   raawwachiistummaa Cimsu   keeneera Walumaa galatti  Inisttitiyuutichi  bara hundeeffama isa irraa kaasee hanga ammatti gaggeessitoota, ogeessotaa fi  qooda fudhattoota  seektera magaalaa 13,164 ta’aniif   mata dureewwan garaagaraa dhimmota pilaanii magaalaan wal qabatan irratti leenjii humna  raawwachistummaa  cimsu kennera.

 

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et