Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

 

Pilaanii Magaalotaa Qopheessuu

Pilaanii magaalaa jechuun baroota murtaa’ef guddinni fi misoomnni magaalaa ykn naannoo tokko haala barbaadamuun akka hogganamuu taasisuuf karoora qophaa’uudha. Kana malees pilaaniin magaalotaa haala qubannaa, guddina, jijjirama magaalotaa fi naannoo magaalotaa keessatti raawwataman kan agarsisuudha. Qabiyyeen pilaanii magaalaa itti fayyadamaa lafa magaalichaa sirna diriirfamaa fi qindoomina bu’uuraalee misooma,sochi hawaas-dinagdee,seenaa,haala teesuma lafa,haala qilleensaa,haala biyyee fi k.k.f kan haammatuu dha.Hojii irra olmaan pilaanii Magaalotaa haala imaamataa,tarsimoo fi karoora qophaa’uf galtee ta’uu danda’aan kaartaa fi tarreefama barreefamoota sanadaatiin kan ibsamu dha.

Barbaachiisumaan qo’annoo fi qophii pilaanii magaalotaa, daangaa fi qabeenya lafa magaalotaa ifatti kaa’uu fi sirritti mul’isanii agarsisuun sirni to’annoo galmeessuu fi qabiinsa ragaa lafa magaalaa hoj-maata cimaan akka gaggeefamuu gochuu dha. Akkasumas magaalonni gidduu galeessa gabaa, tajaajila indastirii fi ce’umsa teekinoloojii ta’uudhaan gahee misooma biyyaa saffisiisuu fi guddina ariifachisaa galmeesisuu keessatti qaban akka bahatan kan taasisuu dha. Dabalataanis pilaaniin magaalotaa egumsaa fi kunuunsi qabeenya uumamaa, hambaalee seenaa, gidduu galeessota aadaa fi turizimii akka dagaaganii fi haalaan qabamanii dhaloota dhalootaatti akka cehan gochuu irratti shoora olaana kan taphatuu dha. Gama biraatiin pilaaniin magaalotaa gurmaa’insa fi facaatii bu’uuraalee misoomaa karooraan kan hogganamee fi qindaawwaa gochuun walitti hidhaminsa guddina Magaalotaa fi baadiyyaa umuun magaalotnni fi giddugaleesii guddina gandoota baadiyyaa jiraatootaaf mijaawoo,qulqulluu,magariisa,miidhagoo fi Inveestimantiidhaaf haawwatoo taasisuun yeroo ammaa biyyi keenya dinagdee qonnaan durfamuu irraa gara indastiriin durfamuutti cehu egaltee daraan itti fufsiisuun haaromsa biyya keenyaa kan dhugoomsuu dha.

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et