Hordoffii Qophii fi Raawwii Pilaanii magaalotaa fi Kenna Deeggarsa Teekinikaa
PilaaniiMagaalota naannichaatiif qohaa’an haalaan hojii irraa ooluu isaanii yeroo yeroon hordofuu fi kenna deeggarsa teekinikaa magaalotaaf taasisuun dhimmoota ijoo Inistiitiyuutii PilaaniiMagaalotaOromiyaan raawwataman keessaa tokkodha. Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa hojirra oolmaa pilaanii magaalotaa irratti hordoffii taasisuun dhimmoota pilaanii magaalotaaf rakkoo fi hudhaa ta’an adda baasuun magaalotaaf deeggarsa teekinikaafi tarkaanffii sirreeffamaa taasisaa jira taasisaas tureera.
Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa bara hundeeffama isaa bara 1999 irraa eegalee hanga xumura bara 2007tti magaalota 491f hordoffii fi kenna deeggarsa teekinika pilaanii magaalota oromiyaan kan taasifame yoo ta’u bara 2008 irraa eegale hanga xumura bara 2012tti immoo magaalota 674f hordoffii fi kenni deeggarsa teekinikaa taasaifameera. Walumaa galatti magaalota1,165f Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaatiin Hordoffii Kenni deeggarsa teekinikaa taasifameera.
There are currently 0 users online.
Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et