Contact Us  251118356799     info@oromiaurbanplanning.gov.et                   

  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansa IPMO fi Magaalotaa
  • Slide Background Image
    Pilaanii Magaalotaa
  • Slide Background Image
    IPMO Hooggantoota Inistiitiyuutichaa Sadarkaan Jiraniif Leenjii Dandeettii Raawwachiistummaa Cimsu Kennaa Jira

Pilaanii Caasawwaa 

Pilaaniin  Caasawwaa  gosoota pilaanii magaalotaaf qophaa’an keessa isa tokko yommuu ta’u gosa pilaanii magaaloota baayina Uummataa 50,000 (kuma shantama) fi isaa ol qabaniif qophaa’uu fi magaalaa tokko waggaa10niifkan tajaajilu dha. Qorannoo fi qo’annoon pilaanii kanaas dhimmoota gurggudoo haala teessuma lafaa, egumsa naannoo,qilleensaa fi kallattii guddina magaalotaa kan of keessatti haammatedha. Pilaaniin caasawwaa akkaataa ramaddii itti fayyadamaa lafa magaalaatiin naannoo bu’uraaleen misoomaa itti babal’achuu qaban bakka mana jireenyaa, magariisa, bashannanaa,buufata geejjiba, giddu gala gabaa fi indastirii irratti xiyyeefachuun kan qophaa’u dha. Osoo  Inistiitiyuutiin Pilaanii  Magaalota  Oromiyaa  hin hundaayiin dura  magaalonni gurguddoon naannoo  keenyaa   baajata  guddaa  ramaduun gorsitoota fi  kontiraakteroota  dhunfaan  pilaanii caasawaa magaalaa isaanii qopheessaa kan turan yoo  ta’u kun immoo Baasii  humnaa  olii baajata  mootummaa fi  qulqullina hojii iratti rakkoo ijoo ture.Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa erga hundeeffamee as baasii humnaa olii magaalonnii  baasan  maqsuu fi qulqullina hojii dabaluun magaalota gurguddoo fi sadarkaa muummee jiraniif pilaaniin caasawa hedduun  Inistiitiyuutii Pilaanii  Magaalota  Oromiyaan hojjetameera.

 Inisttitiyuutii Pilaanii  Magaalota  Oromiyaa bara hundeeffama isaa 1999 irraa  eegalee  hanga   xumura  bara 2007tti magaalota 76f Pilaanii Caasawaan kan qopheesse yoo ta’u ,bara 2008 hanga  bara 2012tti immoo magaalota 20f  Plaaniin caasawaa qopheesseera.Walumaa galattibara  bara 1999-2012tti Inistiitiyuutiin Pilaanii  Magaalota Oromiyaa pilaanii caasawaa magaalotaa 96f qopheesseera.

 Pilaaniin Caasawaa Inistitiyuutichaan magaalota kanneen akka Adaamaa, Bishooftuu, Sabbataa, Walisoo,  Amboo,  Holotaa Asallaa, Robee  Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sulultaa fi kkf  hojjetamee kan kennameef yoo t’u bara kana immoo Magaalota Kanneen akka Jimmaa, Naqamtee, Ciroo, Shashamannee,fi fiicheef qophaa’aa jira.  Kana keessatti magaalonni Naannoo keenyaa  duraan  Qaamolee dhuunfaa baasii guddaa baasanii   pilaanii caasawaa magaalaa isaanii hojjechiisa kaan turan  Erga  Inistiitiyuutiin keenya hundaa’ee as immoo  Magalonnii Naannoo keenyaa rakkoo kana keessaa bahanii kan jiran yoo ta’u baasiin mootummaa gama kanaaan bahuus hir’achaa dhufee  jira.

 

 

Who's new

  • oromiaipm

Who's online

There are currently 0 users online.

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-+251118356799
  • Fax:-+25113691954 or +25113690565
  • E-Mail:info@oromiaurbanplanning.gov.et
  • Website:-www.oromiaurbanplanning.gov.et
  • Poostaa:- 1328/1250(OUPI/Calcali)

Miidiyaa Hawaasaa

                                         

  Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et