Pilaanii Misooma Qe’ee
Pilaaniin misooma qe’ee pilaanii caasawwaa ykn tarsima’aa magaalaaf qophaa’u hojirra olchuufjecha humnaafi haala yeroo gidduu galeessa godhatee kan qophaa’udha.Hoji irra kan ooluus haalaa fi turtii pilaanii caasawwaan ta’a.Pilaaniin caasawwaa tokko pilaanii misooma qe’ee hedduu of keessatti qabaachuu danda’aa. pilaaniin caasawwaa ykn tarsimawwaa tokko pilaanii misooma qe’ee haala labsii pilaanii magaalaatin gosa itti fayyadamaa lafa fi ol-ka’insa gamoo,daandii,bu’uuraalee misooma,sirna geejibaa,gurmaa’insa manneenii akaakuu qe’ee, naannoo magariisaa,fi bakka duwwaa, akkasumas haaromsuu,fooyyeessuu fi deebisanii misoomsuu magaalaa fi dhimmoota naannoo kan biroo kan of keessatti haammatuudha.Pilaaniin misooma qe’ee,turtii yeroo gabaabaa waggoota sadii hanga shan gidduu galeessa godhachuun tartiibaa fi qindoomina guddinaa irratti xiyyeefatee kan qophaa’uudha.
Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa bara hundeeffama isaa 1999 irraa eegalee hanga xumura bara 2007tti magaalota 26f Pilaanii misooma qe’ee qopheessera bara 2008 irraa eegalee hanga xumura bara 2012tti immoo magaalota 55 walumaagalatti magaalota Naannoo keenyaa 81f Pilaanii Misooma qe’ee qopheesera.
There are currently 0 users online.
Copyright @2024 by Oromia Urban Planning Institute| www.oromiaurbanplanning.gov.et